Dhalootni ammaa dhaloota seenaa himu, seenaa barreessuufi seenaa hojjetuudha – obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Xumuramuu Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa hordofee Hoggantoonnii fi hojjettoonni naannoo Oromiyaatti sosochii ga’umsaa qaamaan gammachuu isaanii ibsatan.

Hidhi haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ashaaraa, faajjiifi mallattoo tokkummaa uummattoota Itiyoophiyaa yoo ta’u, Injifannoo Adwaa 2ffaa dhaloota har’aan galmaa’e abdii guddaa dhaloota egereeti jedhan hirmaattonni kunneen.

Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonnii fi hojjettonni Biiroolee Oromiyaa saganticharratti hirmaataniiru.

Bara injifannoo Itiyoophiyaan copha dhiigaa,imimmaan itti galmeessite ta’uun dhalootni ammaa kun dhaloota seenaa himu, seenaa barreessuufi seenaa hojjetudha jedhan obbo Awwaluu Abdiin.

Uummanni Oromoo hacuuccaa jalaa bahuun sabaafi sablammiilee Waliin seenaa addaa barreessaa jira.

Hidhi haaromsaas aggaammii alaafi keessaa qolachuun copha dhiigaan goolaba argatee biyya boquu ol qabachiise jechuun ibsan.

Uummanni oromoos humnaan, boondii bitachuun kan hirmaataa ture yoo ta’u, maallaqa qofaan Birrii biiliyoona 12 arjoomuun shoora olaanaa bahachuu ibsan.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment