Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Guyyaan Dhibeewwan Dadarboo xiyyeeffannoo addaa barbaadanii akka biyyaatti yeroo 5ffaaf Godina Horoo Guduruu Wallaggaa, Magaalaa Shambutti kabajameera.
Gorsaa Deetaa Ministira Fayyaa obbo Leellisaa Amaanu’eel, Hojii Raawwachiiftuu dhibeewwan dadarboo Ministira Fayyaa Dooktar Hiwoot Salamoon, Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa, Bulchaa Godina Horoo Guduruu Wallaggaa obbo Miirreessaa Fixee fi hoggantoonni mootummaa gara garaa saganticharratti argamaniiru.
Akka addunyaatti dhibeewwan dadarboo hin taane xiyyeeffannoo addaa barbaadan 21 keessaa 15 biyyaa Itiyoophiyaa keessatti argamu jedhan Leellisaa Amaanu’eel saganticharratti ergaa dabarsaniin .
Dhibeewwan kana to’achuuf mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojii amma gaggeeffamaa jiruun jijjiirramni gaariin mul’achuu himan.
Akka biyyaatti bara 2025tti dhibeewwan kanneen guutummaatti dhabamsiisuuf karoorri qabamee hojiirra oolaa jiraachuu ibsan.
Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa gama isaaniin, Naannoo Oromiyaatti dhibewwan dadarboo hin taane xiyyeeffannoo addaa barbaadan gosoonni 13 aanaalee naannichaa 310 keessatti tamsa’anii argamu jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhibee kana to’achuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsanii, dhibichi irra caalaa hawaasa qulqullina isaa hin eegganne keessatti tamsa’uu hubachiisaniiru.
Hawaasni qulqullina irratti xiyyeeffannoo kennee yoo hojjate dhibicha to’achuun ni danda’ama jedhan.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.