Dhidhiphachuu Tiraafikaan lubbuu du’a suukaneessaa oolte

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Sababa dhidhiphachuu Tiraafikaan barfachuun lubbuu du’a suukaneessaa oolte Buumii Chuuhaanii.

Balaa Xiyyaaraa Hindii lubbuu namoota 241 galaafate keessaa sababa dhidhiphachuu Tiraafikaan daqiiqaa 10 barfachuun balallii keessaa hafuun lubbuun ooluu ishee dubbatti Buumii Chuuhaan.

Xiyyaarichaan imaluuf gara Buufata Xiyyaaraa wayita imalaa ture Daandiin cuccufamuun daqiiqaa 10 barfachuu hordofee Xiyyaara keessa osoo hin galin kan hafte Buumiin daqiiqaa muraasa booda wanta ta’e amanuuf rakkachuu dubbatti.

Ingiliiz Magaalaa Biriistoon keessa abbaa manaa ishee waliin kan jiraattuu fi barattuun Bulchiinsa Biiznasii kan taate Buumiin boqonnaaf gara Lixa Hindii dhufuu ishee himti.

Shamarreen umrii waggaa 28 Bihoomiin Xiyyaara booyingii AI 171 balali’uuf tikkeettii kutattee turte.

Yeroof Sababa cuccufamuu daandiin balalliin ishee jala bahuutti daraan aaruu eerti.

Yaa ta’uutii balaa mudateen booda dhidhiphachuun Tiraafikaa lubbuu koo oolchera jechuun ibsuu ishee BBCn gabaaseera.

Lubbuun oole jedheen kan kooti jetti Buumiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment