Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC) – Seenessa waloo hunda hammatuu fi hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Hojiin biyya cichoomsuu fi misoomsuun dhalootaaf dabarsuu qooda Itiyoophiyaanoota hundaa ta’uu akka qabu hubachiisan.
Yaada kaleessaa fi har’aa madaaluun biyya ijaaraa jirra jedhan.
Waan kaleessaa sirnaan hubachuun, kan har’aa itti dabaluun biyya jabduu ijaaruun dhalootaaf dabarsuu qabna jedhan.
Kaleessa ilaaluun kan barbaachisu murtiif osoo hin taane irraa barachuuf ta’uu akka qabu kaasan.
Isa kaleessaa haala yeroo sanaan hubachuun murteessaadha jedhan.
Seenaa kaleessan walqoodurra dogogoras ta’ee gochaa gaarii kaleessa raawwaterraa barachuun egeree caaluu ijaaruuf hojjetamuu qaba.
Biyya % 60 Idaan qabame, pirojektoota hedduu eegalamanii dhaabbatan, dhaabbilee ergama isaanii bahachuu hin dandeenye, ji’oogiraafiin hidhamte, seeroota walxaxaan sakaallamte, siyaasa walxataa keessatti kufte dhaalle jedhan.
Cichoominaan dhiibbaa kana hunda dandamachuun sadarkaa har’aa kanarra gahuun danda’amuu himan.
Barii jijjiirama deeggarsa guddaa fi sadarkaa addunyaatti dinqinpsiifannaa olaanaa argate, akkasumas mormii cimaa keessummeessinee ture jedhan.
Dambalii wal faallessan kanneen abshaalummaan darbuun biyya cimtuu dhaloota dhaalchisuuf hojjetaa akka jiran dubbatan.
Leellisaa fi mormii, eebbaa fi abaarsa, qeeqa fi deeggarsa jiru madaalaa hojii biyya cichoomsuu hojjetaa jirra jedhan.
Qormaata cimaa keessatti milkaa’inoota jajjaboo galmeessuun danda’amuu eeran.
Qormaatileen carraa akka fidan hubatamuu qaba kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad,waggoottan torban darban keessaa qormaatilee cimaa keessa taanee milkaa’inoota amanuuf rakkisaan ta’an galmeessineerra jedhan.
Qormaata carraatti jijjjiiruun akka danda’amus qabatamaan agarsiifne jechuun himan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia