Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Dhiibbaa miidiyaan hawaasaaa dhaloota irraan ga’u ittisuuf sirnaan itti fayyadamuu, qaamoleen qooda fudhattoonnis qindoominaan hojjechuu akka qaban hayyoonni hubachiisaniiru.
Guddina teeknooloojiin wal qabatee yeroo ammaa kana namoonni sadarkaa umurii adda addaa irra jiran miidiyaa hawaasummaa garmalee fayyadamuun rakkoof akka saaxilaman ragaaleen addaa addaa ni mirkaaneessu.
Dargaggoonni ammoo warreen rakkoolee kanneeniif adda durummaan saaxilamaniidha jedhame.
Yuuniivarstii Arsiitti ogeessi qorannaa xinsammuu ykn saaayikaatiristiin Muusaa Ahimad Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti yeroo ammaa uummata addunyaa keessaa %6 rakkoo araada interneetiif saaxilamanii jiru.
Akka ibsa isaaniitti keessumaa miidiyaa hawaasaa kaayyoo faayidaa qabuuf oolchuun ala callisanii fayyadamuun araada keessa galchuun rakkoolee hawaasummaa, fayyaa fi xinsammuuf nama saaxila.
Warreen tapha adda addaa fayyadaman miir-lamee ta’uun gammachuu ykn gadda humnaa olii keessa seenanii akka amala dhaabbataa hin qabaanne isaan taasisa.
Yeroo mara kanneen akka kompitaraa fi bilbila harkaa waan fayyadamaniif fayyaa ijaarrattis miidhaa geessisa.
Kana malees yeroo isaanii heddumminaan miidiyaa hawaasummaa irratti waan dabarsaniif hariiroo hawaasummaa isaaniillee ni miidha jedhan.
Akkasumas araada keessa seenuun yeroo isaanii achirratti waan dabarsaniif hojjetanii akka hinjijjiiramne gochuurra darbee aadaa hojii isaanii miidhee hiyyummaa keessa jiraachisas jedhan.
Kun ammoo waan barbaadan argachuuf maallaqa waan hin arganneef of jibbanii rakkoo adda addaa keessa galuuf saaxila.
Yuunivarsiitii Arsiitti Ittigaafatamaan Muummee Barnoota Saaykooloojii Kamaal Irboo gama isaaniin sirnaan itti fayyadamnaan garuu waljijjiirra odeeffannoo salphiisa, madda galiis ta’uu danda’a jedhan.
Daangaa malee carraa barnootaa argamsiisuun, carraa hojii uumuun, hojii tola ooltummaaf, kalaqa adda addaaf, ijaarsa hawaasummaa fi siyaasaafillee bulaa akka qabu ibsan.
Haa ta’u malee imammataa fi sirnaan ala itti fayyadamuun ammoo odeeffannoo sobaa gadi lakkifamuuf nama saaxiluun ofii ta’e hawaasa rakkoo keessa akka seensisuu danda’u eeraniiru.
Kanaaf jedhan hayyoonni kuniin waan bu’a qabeessa ta’eef kaayyoo irratti hundaa’un fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Keessumaa ijoollummaa irraa eegalee akkaataa itti fayyadama miidiyaa Hawaasaa irratti maatiin Ittigaafatamaan ijoollee isaa barsiisuu akka qabu eeranii, manneen barnootaa, dhaabbileen amantii fi mootummaan ga’ee irraa eeggamu ba’uun dhiibbaa dhaloota irra ga’aa jiru hambisuuf qindoominaan hojjechuu qabuu hubachiisaniiru.
Yoonaatan Biraanuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia