Dhiibbaan Dippiloomaasii Itiyoophiyaa guddachaa jira gaaffiiwwan tarsiimawaas fudhatama argachuu itti fufaniiru – TKM

Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) – Hariiroon Alaa Itiyoophiyaa nageenya, faayidaa waloo fi birmadummaa kabachiisurratti hundaa’e yeroo ammaa injifannoo qabatamaa galmeessaa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Ejjennoon Itiyoophiyaa waltajjiiwwan sadarkaa ardii fi idil addunyaarratti fudhatama argachaa, dhiibbaan dippiloomaasiis kan yeroo kamiiyyuu caalaa guddachaa dhufuu hime.

Itiyoophiyaan nageenya kabachiisuu, shororkeessummaa qolachuu,akkasuma nageenya naannawaa tasgabeessuu keessatti gahee addadurmmaa bahataa jiraachuu kaase.

Kanas qabatamaan mul’ifteerti jedhe.

Afrikaarraa biyyi guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jirtu Itiyoophiyaan, karra galaanaa argachuun fayyadamummaa diinagdee qofa osoo hin taane gaaffii birmadummaa ta’uu ibse.

Mootummaan karaa nagaa, marii dippiloomaasii, uwwisa seeraa fi fayyadamummaa waloo dhugoomsuun ejjennoon qabate hawaasa idil addunyaa biratti fudhatama olaanaa argataa jira.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti, gaaffileen haqaa Itiyoophiyaan qabdu seera qabeessummaa fi sirrii ta’uu isaanii, dhugaa qubsama siyaasaa guyyaa guyyaan mul’atu waliin walqabsiifamuun, qabatamaan mirkanaa’aa dhufaniiru.

Walumaagalatti, olka’iinsi dhiibbaa dippilomaasii biyya Itiyoophiyaa, akkasumas gaaffileen ishee addunyaa irratti fudhatama argachaa dhufuun, imalli badhaadhina Itiyoophiyaa dhugaa ta’uuagarsiisa.

Mootummaanis faayidaa yeroo dheeraa uummataa fi biyya Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiiwwan dippilomaasii eegale fedhii cimaa fi kutannoodhaan jabeessee itti fufa.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment