Dhiigaa fi dafqa keenyaan coba bishaanii dhimmaaf oolchineerra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) –Ijaarsi Piroojektii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eegalamee booddetti deebi’ee ture xumuruun ciminaa fi cichoomina jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Hidhichi Dhiigaa fi dafqa keenyaan coba bishaanii dhimmaaf oolchineerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Piroojektii waanjoo hacuucaa, badii fi hiyyummaa bara dheeraaf ture cabse Piroojektii raajii ta’uu eeran.

Hidhichi piroojektoota kana dura milkeessine Ashaaraa magariisaa fi Misooma Koriidariirra adda ta’uu isaa kaasan.

Deeggarsa waaqaa, dandeettii fi ejjennoon ida’amanii,akkasuma murannoon ummataa fi cichoominni hojjettoota barootaaf haala rakkisaa keessatti halkanii fi guyyaa hojjetaa turaniin hidhichi xumuraaf gaheera jedhan.

Hariiroon halagaa fi baandawwanii abjuu Itiyoophiyaanootaa gufachiisaa turuu eeruun, Piroojektichi badii fi dhiibbaa barootaa kan dhaabu, akkasuma waanjoo hiyyummaa yeroo dheeraa ture kan cabseedha jedhan.

Waraanni biyya ijaarame diigii ta’uu ibsuun, fakeenyaaf Kaartum walitti bu’iinsa wal waliin haala irra deebiin ijaaramuu hin dandeenyeen diigamuu himan.

Qormaatileen keessa dabarre ijaarsa hidhichaa dhaabuuf sababa gahaa turan kan jedhan Dooktar Abiy, gochoota badii qolachaa adeemsi ijaarsa isaa guyyaa tokkoof osoo hin dhaabatin hojjetamaa turuu dubbatan.

Murannoo hundee jabaa waan qabnuuf adeemsa nuffisiisaa fi dadhabsiisaa dabarreerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment