Dhimmoota torban Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjechuuf murteesse:

šŸ‘‰Filannoowwan nagaa waldhibdee hambisan kallattii hundaan yaaluufi hidhattoota daandii nagaan qabsaa’uuf murteessaniif waan barbaachisu hundaa gochuu.

šŸ‘‰Filannoo nagaa fudhachuu dhiisuun humnoota ummataa fi qabeenya biyyaa irratti rakkoo uumuuf ka’an irratti karaa qindaa’een seera kabachiisuu.

šŸ‘‰Gaaffilee bulchiinsa gaarii uummanni sadarkaa sadarkaan kaasu, gaaffilee haqaa fi diinagdee sadarkaa dandeettii humni biyyaa danda’een deebisuu.

šŸ‘‰Odeeffannoo sirrii fi dhugaa ta’e yeroo yeroon ummataaf kennuu fi odeeffannoo sobaa saaxiluu.

šŸ‘‰Hoggantootaa fi tajaajiltoota dhaabbileetti ramadamuun hanqina naamusaa, malaanmaltummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti qabsaa’uu.

šŸ‘‰Dameelee Qonnaa, Indaastirii oomishaa, Turizimii, Albuudaa, fi Teeknooloojii odeeffannootiin hojiilee misoomaa eeggalle caalmaan milkeessuun, inisheetiivoota eegalaman bu’a qabeessa taasisuu, jijjiirama magaalaa fi baadiyyaa hirmaannaa ummataan mirkaneessuu,

šŸ‘‰Gama dippiloomaasiitiin karaa hundaan dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf Waliigaltee irra geenyee jirra.

Walumaagalatti nuti miseensonni Mana Maree Paartii Badhaadhinaa, imalli badhaadhina Itiyoophiyaa yeroo qabameef dursee akka milkaa’uuf qajeeltoo ā€œqolachuu, ifaajuufi qulqulleessuuā€ jedhu qabannee hojii keenya itti aanu raawwachuuf murteessineerra

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment