Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Dhukkuba sammuu ittisuufi yaalanii fayyisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhan Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Konfiransii Qorannoo Fayyaa Idil Addunyaa Marsaa 3ffaa dhibee sammuu irratti xiyyeeffatu gaggeessaa jira.
Piroofeesar Natsaannat Warqinaa wayita kana, tajaajila fayyaa qaqqabamaafi qulqullina qabu kennuun dhaloota fayyummaan isaa eeggame horachuuf xiyyeeffannaan hojjetaamaa jira jedhan.
Dhukkuba sammuu ittisuufi yaalanii fayyisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Qorannoowwan akkanaa gaggeeffamuun isaa ogeessoonni fayyaafi hawaasni hubannoo gahaa argachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif carraa kan uumu ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniin, ogeessonni dhukkuba sammuu irratti hojjetan muraasni jiraachuu kaasanii, bal’inaan horachuuf kan hojjetamu ta’uu ibsan.
Dhukkuba sammuu ittisuufi yaalanii fayyisuuf tumsa hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu fi hundi itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabuus dhaamaniiru.
Konfiransii kana irratti hooggantoonni olaanoon mootummaa, qorattoonniifi qooda fudhattoonni garaa garaa hirmaachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.