Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018 (FMC) –Dhukkubni busaa ammallee yaaddoo ta’aa jira jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.
Kenniinsa tajaajila fayyaa qulqulluu, si’ataafi qaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hoggantuun biirichaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaan ibsaniiru.
Hawaasa fayya buleessaa horachuuf Kenna tajaajila fayyaa dursanii ittisuufi yaalanii fayyisuurratti xiyyeeffachuun hojii hojjetamaa jira jedhan.
Kurmaana 1ffaa bara 2018 keessa dhukkuboota daddarboofi bifa weeraraatin uumamuu danda’an dursanii ittisuuf hojiilee bal’aa hojjetamuu kaasan.
Dhukkuba busaa yaaddoo ta’aa jiru dursanii ittisuuf hubannoo hawaasaa cimsuu fi hawaasa miiliyoona 1.2 hirmaachisuun iddoowwan wal hormaataa isaa akka qulqullaa’u taasifamuu dubbatan.
Dabalataanis biiffaa kemikaalaafi raabsaa saaphana siree karaa qindaa’een raawwatamaa jiraachuu eeran.
Kana malees iddoowwan yaaddoo guddaan jiruutti talaalliin dhibee busaa kennamuun eegaluu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuufis manneen qorichaa hawaasaa caalmaatti babal’isuun hojjetamaa jiraachuu dubbatan Piroofesar Natsaannat.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.