Finfinnee, Adoolessa 11, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee ni guddisa jedhan.
Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii wixinee sanada tarsiimoo “Diijitaal Itiyoophiyaa 2030” irratti qaamolee qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.
Dooktar Ballaxaan waltajjicharratti akka jedhanitti, tarsiimoon kun Artifishaal Intelejensii, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa, magaalota Ismaartii, Iikoomersii daangaa ce’aa, birmadummaa diijitaalaafi yaadota biroo hammachuun qophaa’e.
Carraalee hojii teeknooloojii fayyadamuun uumaman, misooma hammataafi haqa qabeessa akkasumas badhaadhina hunda galeessa kaayyoo godhatee qophaa’uu eeraniiru.
Beekumsa diijitaalaa babal’isuun fi dandeettii dhaabbataa ijaaruun dandeettii raawwachiisummaa namoota dhuunfaa akkasumas dhaabbilee guddisuun kaayyoo ijoo tarsiimochaati jedhan.
Diinagdee diijitaalaa hammataa saffisiisuun, waliingahiinsa diijitaalaa guddisuu fi Itiyoophiyaa bakka gahumsa invastimantii diijitaalaa filatamtuu taasisuunis kaayyoo taresimichaa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.