Diijitaal Itiyoophiyaan 2030’n sirna nageenya diijitaalaa caalmaatti dagaagsuudha – obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Diijitaal Itiyoophiyaan 2030’n sirna nageenyaa fi birmadummaa diijitaalaa Itiyoophiyaa caalmaatti dagaagsuudha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 ifoomsaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaan cufiinsa boqonnaa Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 fi jalqabsiisa diijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Diijitaal Itiyoophiyaa 2025’n bu’aa bal’aan argamuu eeruun, hojiileen bu’uuraalee misoomaarratti hojjetaman kanneen akka fakkeenyaatti fudhataman ta’uu kaasan.

Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf adeemsa kalaqaa fi saffisaan deeggameen hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.

Keessattuu tarsiimoon mootummaa lammiilee bu’uura godhate caalmaatti kan hojiirra oolu ta’uu eeran.

Tarsiimoo sirni tajaajila diijitaalaa hammataan, birmadummaa fi nageenyi isaa eegame itti dagaagu ta’uu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment