Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf miidiyaaleen qooda isaanii bahachuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 ifoomsuun kan yaadatamuudha.
Dooktar Ballaxaa Mollaan tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 ilaalchisee ibsa kennaniin, tarsiimichaan ijaarsa diinagdee Diijitaalaaf hojiileen misoomaa kan itti rawwwatamu ta’uu eeran.
Bu’aalee Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 ka’umsa godhachuun karoora qophaa’een qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun gara hojiitti kan galamu ta’uu dubbatan.
Ce’umsa Diinagdee dijiitaalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ogummaa diijitaalaa lammiilee guddisuun murteessaa ta’uu yaadachiisan.
Birmadummaa odeeffannoo lammiilee mirkaneessuun ijoo tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 ta’uu eeran.
Hojiilee hunda milkeessuu keessatti gaheen miidiyaalee olaanaa ta’uu dubbatan Dooktar Ballaxaan.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.