Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf wqggoota darban milkaa’inni qabatamaan galmaa’eera- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Hojiiwwan waggoota darban keessa Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjetaman milkaa’ina qabatamaa galmeessisuu isaanii pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Pirezidaantichi Afrikaatti kan jalqabaa kan ta’e Agarsiisa Tekinooloojii Giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti bananiiru.

Haasaa baniinsaanis waggoottan darbanitti Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uuraaleen misoomaa adda addaa ijaaramuu eeranii, kunis xiyyeeffannaa damichaaf kenname mul’isa jedhan.

Tarsiimoo Dijiitaal Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oolchuun naannoo dijiitaalaa fi aadaa kalaqa dargaggootaa guddisuun danda’ameeras jedhan.

Itiyoophiyaan ijaarsa dinagdee dijiitaalaan humna Afrikaaf fakkeenya ishee taasisu ijaarrachuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbachuu isaanii TOI gagabaaseera.

Humna tekinooloojii addunyaa jijjiiramaa xiyyeeffannoo keessa galche ijaaruun nageenya hundagaleessaa fi olaantummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan sirna kaffaltii dijiitaalaa hojiirra oolchuun sirna faayinaansii qaqqabamaa gochuu ishees kaasaniiru.

Agarsiisicha irratti dhaabbileen tekinooloojii sadarkaa addunyaatti bekamtii horatan hirmaachuun isaanii ibsameera.

Comments (0)
Add Comment