Finfinnee, Caamsaa 4, 2017 (FMC) – Waggoottan torban darban dinagdee tasgabbeessuuf hojiileen milkaa’ina qaban hojjetamuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny ibsan.
Dooktar Iyyoob Takkaalliny fooramii invastimantii “Invast Itiyoophiyaa 2025” irratti akka ibsanitti, waggoottan darban dameelee dinagdee, siyaasaa fi kanneen biroo keessatti hojiileen riifoormii hojjetamuu yaadachiisaniiru.
Haaluma Kanaan Itiyoophiyaan hariiroo dinagdee biyyoota alaa waliin qabdu cimsuu ibsaniiru.
Mootummaan waggoottan darban dinagdee tasgabbeessuuf fooyya’iinsa dinagdee gooroo dabalatee hojiilee milkaa’oo hedduu akka hojjetes eeraniiru.
Akka biyyaatti albuudaafi tuurizimii dabalatee qabeenya uumamaa hedduu qabnurratti ciminaan yoo hojjenne jijjiirama fooyya’aa fiduu dandeenya jedhan.
Milkaa’inni waggoottan darban sadarkaa biyyaalessaatti galmaa’e hojiilee karooraafi kutannoon hojjetamaniin kan argame ta’uus hubachiisanbiiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.