Dippiloomaasiin diinagdee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Dippiloomaasiin diinagdee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Waltajjiin marii qooda fudhattootaa dippiloomaasii diinagdee cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa akka jedhanitti, dippiloomaasiin diinagdee utubaa dameewwan dippiloomaasii birooti.

Dandeettii diinagdee Itiyoophiyaa addunyaa waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu eeruun, dippiloomaasii diinagdee cimsuuf tumsi qaamolee qooda fudhattootaa barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen gamasaaniin, fooyyessi diinagdee mootummaan hojiirra oolche dippiloomaasii diinagdeefi damee invastimantiif carraa haaraa uumuu kaasan.

Fooyya’iinsa taasifameen abbootiin qabeenyaa alaa hedduun paarkiiwwan indaastiriifi zooniiwwan diinagdee addaa keessatti bobba’uu ibsaniiru.

Haaluma Kanaan oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuurra darbee carraa hojii uumuu himaniiru.

Dippiloomaasii diinagdee cimsuun invastimantii hawwachuuf tumsa waloo akka barbaachisu, Embaasiiwwaniifi dippiloomaatonni Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiran carraalee invastimantii Itiyoophiyaa beeksisuun abbootii qabeenyaa hawwachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment