Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) – Dirre Dhawaan magaalaa fakkeenya tokkummaa sabdaneessaafi waloomaa taatedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirrii Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii Dirre Dhawaatti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniin, Naannawaa Daldala Bilisaa ta’uusheen walqabatee buufataaleen sakkattoo mijatiinsaafi madaallii magaalichatti banamaa jiran oomishaalee alaa galaniifi alatti ergaman saffisiisuuf faayidaa olaanaa qabu jedhan.
Oomishaalee huccuu malee oomishaaleen damee ijaarsaaf oolaniifi elektirooniksii eegalamuu eeruun, hojiilee akka kanaa cimsuun galii magaalichaa guddisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Jiraattonni Dirre Dhawaa nyaata qopheessuufi namoota jaalalaan simachuu irratti duudhaa cimaa akka qaban ibsuun, tokkummaa sabdaneessummaafi waloomaan fakkeenya ta’uus dubbataniiru.
Waliin jiraachuuf maallaqa, afaan yookaan ammoo amantaa osoo hin taane namummaan gahaa ta’uutti kan amanan ta’uus kaasaniiru.
Magaalichatti hojiileen ijaarsa dhalootaa, qonnaa, indaastirii, misooma magaalaa, walitti hidhamiinsa uummattootaa fi badhaadhina yaadame galmaan gahuuf hojjetaman jajjabeessaa ta’uus ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.