Dirre Dhawaan morkataa isaa yoo injifatu, Adaamaan qixa bahe

Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC)- Taphoota CBE Pirimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 22ffaan har’a taphatameen Dirre Dhawaan morkataa isaa yoo injifatu, Adaamaan Hadiyyaa Hoosaanaa waliin qixa bahe.

Tapha waaree booda Sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Hadiyyaa Hoosaanaa fi Magaalaa Adaamaa gidduutti taphatame galchii 1 qixa xumurameera.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Tapha Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatameen Magaalaan Dirre Dhawaa galchii 2 fi 1’n Maqalee 70 Indartaa injiifateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment