Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa hojii misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa walga’ii Mana Maree Paartii Badhaadhinaan booda adeemsa hojii misooma qarqara lagaa Finfinnee daawwanneerra jedhan.
Qarqarri laggeenii fayyaalessiifi haalaan eegaman sirna naannawaafi qulqullina bishaanii eeguurra darbee haala nageenya jireenya hawaasaa kan fooyyessaniifi magaalonni qormaataaf kan hin jilbeeffanne akka taasisanis ibsaniiru.
Hojiin kun boqonnaa Kanaan kutaalee magaalaa 5 keessa kan bahuufi dheerina kiiloomeetira 21.5 kan qabu ta’uu kaasanii, pirojektichi daandii imaltoota lafoo, daandii biskileetii, pilaazaawwan uummataa, iddoowwan dhaabbii konkolaataa, iddoowwan daa’imman taphatan, suuqiiwwaniifi Amfii tiyaatiroota hammachuu eeraniiru.
Kaayyoowwan pirojektichaas faalama lageenii maqsuu, saaxilamummaa balaa lolaa magaalichaa hir’isuu, bu’uuraalee misoomaa uummataa babal’isuu, baay’ina bakkeewwan magariisaa dabaluufi carraa hojii uumuu ta’uu ibsaniiru.
Pirojektichi wayita xumuramu eegumsa naannoorra darbee magaalichaaf qarqara lageenii hawwataafi waaraa argamsiisuun diinagdee fi sadarkaa jireenyaa kan guddisuu ta’uus hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.