Dooktar Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muumme Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii Miseensota Garee 20 cinaatti Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutaareez waliin mari’achuu ibsaniiru.

Mariin keenya hariiroo dam-hedduu akkasumas hojii eegumsa qabeenya qilleensaa, nageenyaafi tasgabbii fi misooma waaraa irratti hariiroo keenya haala cumsuun danda’amurratti kan fuulleffate jedhan.

Itiyoophiyaan biyya yaa’ii qabeenya qilleensaa ‘COP32’ qopheessitu waan ta’eef deeggarsa taasifamuu danda’urrattis mari’anneerra jedhan ergaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment