Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun ibsa ni kennu.
Walga’iin Idilee 10ffaan bara hojii 5ffaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa boruu gaggeeffama.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mana Marichaatti argamuun gabaasa raawwii baatiiwwan jahan darbanii ni dhiyeessu.
Dabalataanis gaaffiiwwan miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa kan kennan ta’uu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.