Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Waliigalaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Qu Dongiyu waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Qu Dongiyu irra deebiidhaan arguu koo fi dhimmoota garlameerratti marii milkaa’aa taasisuu keenyatti gammadeera” jedhan.
Marii isaaniin wabii nyaataa mirkaneessuu, dhimmoota waaraa ta’anii fi cimina damichi barbaaduuf, barbaachisummaa walta’insaan hojjechuu kaasuun, tattaaffiiwwan hojii qonnaa Itiyoophiyaa itti fufiinsa qabanirratti mari’achuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia