Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Godina Baaleetti Loojii Diinshoo dawwatan

Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Godina Baaleetti Loojii Diinshoo ijaarsarra jiruufi lafa margaa Geesee daawwataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo mootummaa biroo waliin ta’uun Loojii Diinshoo ijaarsarra jiruufi naannawaa isaa akkasumas lafa margaa Geesee daawwachuu Waajjirri Ministira Muummee miidiyaa hawaasummaa isaan ifoomseera.

Paarkiin gaarreen Baalee Finfinneerraa kallattii Kibba Bahaatti fageenya kiiloomeetira 400 irratti argamu kun bal’ina iskuweer kiiloomeetira 2000 qaba.

Paarkichi gaara Itiyoophiyaarraa olka’iinsaan sadarkaa 2ffaa irratti argamu dabalatee haala teessuma lafaa dinqisiisaa, bineensota bosonaa, bosona, lafa margaa fi mukkeen gosa garaagaraa qabaachuu isaan “ Paarkii tokko keessa addunyaa garaagaraa” jedhamee waamamuurra akka gahes waajjirichi ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment