Dooktar Abiy Ahimad galmi Ashaaraa Magariisaa baranaa akka milkaa’uuf hundi akka hirmaatu gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad galmi Ashaaraa Magariisaa baranaa akka milkaa’uuf hundi akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa gabaasa raawwii karoora bara 2017 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf erga dhiyeessanii booda mooraa Paarlaamaa keessatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Sagantaa Ashaaraa magarisaa bara Kanaan galma qabame milkeessuuf hundi akka hirmaatu waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment