Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Riippaablika Siingaapoor Laawuransi Woong masaraa biyyaalessaatti simatan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018(FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gita isaanii Riippaablika Siingaapoor Laawuransi Woong Masaraa biyyaalessaatti simannaa taasiisaniif.

Sirni simannaa kun haala michummaa agarsiisuun, biqiltuu dhaabuu, hambaalee seenaa masaraa biyyaalessaa daawwachuu, marii waloo fi waliigalteewwan garaagaraa mallateessuu kan hammate ture.

Daawwannaan Ministira Muummee Riippaablika Siingaapoor Laawuransi Woong kun daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Waxabajjii 2017 Siingaapooritti taasisan hordofee yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa dhufuu agarsiiftuu ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Daawwannaan hoggantoota lamaanii tumsa diinagdee, hariiroo dhaabbatummaa fi faayidaa waloo kan guddisu ta’uu ibsame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment