Dooktar Abiy Ahimad guyyaa goototaa 84ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa goototaa 84ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Abbootiifi haadholiin keenya bilisummaa biyyaa dhiiga isaaniin kabachiisuun nu dhaalchisaniiru kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, gootonni duraanii wareegama kaffalaniin har’a boquu keenya ol qabannee bilisummaan akka adeemnu godhaniiru jedhan.

Sababa hiyyummaafi booddeetti hafummaa bilisummaan keenya guutuu ta’uu hin danda’us jedhaniiru ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Bilisummaan keenya guutuu akka ta’uuf yeroo amma Itiyoophiyaan gootota bara lammaffaa akka barbaaddu kaasanii, gootonni bara lammaffaa Itiyoophiyaa gara badhaadhina hunda galeessaatti geessuun bilisummaa ishee guutuu kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Dameewwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiin karaa nagaa, hiyyummaafi booddeetti hafummaa irratti qabsaa’uun kan injifatan gootota ta’uu kaasaniiru.

Hidhannoon goota bara kanaa beekumsa, ogummaafi naamuusa ta’uu kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, onneen isaanii jaalala biyyaa, murannoofi qulqullummaa; galmi isaanii ammoo badhaadhina Itiyoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaa biyya guddoo taasisuuf gootummaan gosti lameenuu kan barbaachisu ta’uu himuun, barri kun gootummaa isa lammataa daran kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan kun guyyaa gosti gootummaa isa jalqabaa ittiin yaadatamu, gosa gootummaa isa lammaffaaf bu’uurri kan itti cimu akka ta’u abdii guddaan qaba jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment