Dooktar Abiy Ahimad guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun agarsiisa Aviiyeeshinii qophaa’erratti argaman

Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun sagantaa agarsiisa Aviyeeshinii qophaa’erratti argamaniiru.

Agarsiisichi mata duree ‘Dandeettii Egeree Aviyeeshinii waloon haa ijaarru’ jedhuun kan qophaa’e yoo ta’u, Itiyoophiyaan misooma Aviyeeshinii fi Eeroospeesiif, tumsa Idil Addunyaa cimsuu, akkasuma Itiyoophiyaan wiirtuu misooma Aviyeeshinii, kalaqaa, guddina ogummaa naannawaa fi ardii waareessuuf murannoo fi ejjennoo qabdu kan aragsiisuudha jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment