Dooktar Abiy Ahimad Inistiitiyuutii Ispees Saayinsiifi Ji’oospaashaalii Itiyoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Inistiitiyuutii Ispees Saayinsiifi Ji’oospaashaalii Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Inistiitiyuutichi odeeffannoowwan lafa irraa hanga hawaa jiran xiinxaluun dhaabbata hojiilee qorannoo gaggeessu jedhan.

Hojiileen qorannoo dhaabbatichaa karaa saayinsawaa ta’een xiinxalamuunfi hojiileen ragaafi raaga duraa hojjetamuun dhaabbileen dhimmi isaa ilaallatu akka itti fayyadaman dandeessisa jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Dooktar Abiy akka jedhanitti, qorannoofi qo’annoon ji’oospaashaal dameewwan hedduu keessatti kan caasaffame yoo ta’u hojiileen xiinxala odeeffannoofi qorannoo kutaalee garaagaraatti hojjetaman daawwatamaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment