Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Baga injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa nagaan geessan jedhan.
Injifannoon Adwaa murannoo fi humna Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu ta’uu eeran.
Itiyoophiyaanoonni faayidaa biyyaalessaa, bilisummaa fi birmadummaa biyyaarratti ejjennoo hin jijjiiramne qabu jedhan.
Ejjennoo isaanii kana ammoo cichoomina cimaan fayyadamu jechuun ibsan.
Sirnii fi hoggantoonni jijjiramuu danda’u, dhimmoota tokko tokkorratti garaagarteen jiraachuu mala, ejjennoo fi murannoon biyya isaaniif qaban garuu hin jijjiiramu.
Gootonni Adwaa duulaan wantoota hundarratti kan waliif galan hin turre.
Kaayyoo tokko qabu malee hundi tokko hin turre.
Biyya tokko qabu malee aadaa fi amantaa tokko qofa hin qaban.
Yeroo sanas baandawwan biyya gananii diina waliin hiriiran jiru ture.
Faayidaa yeroof jecha biyya isaanii gurguruuf fedhii qaban
Faddaaltoonni diina waliin ta’uun biyya gurguruuf dhama’an jiru turan.
Gootonni kan lolan weerartoota Xaaliyaanii qofaan hin turre, baandawwanii fi faddaaltoota waliin falmaa turan.
Gootonni diinas baandotas injifataniiru.
Gootummaa jechuun faayidaa biyyaalessaaf jecha fedhii dhuunfaa injifachuu jechuudha.
Kabaja biyyaalessaaf jecha kabaja dhuunfaa wareegudha.
Injifannoon Adwaa kanneen hunda kan itti yaadannuudha.
Cichoominni, gootummaa, tokkummaa fi daandeentiin lammiilee Itiyoophiyaa kan itti ifoomeedha.
Har’as dandeettii damee qonnaa, Indaastirii, Tuurizimii, Albuudaa fi Diijitaalaan qabnu mul’isuu qabna.
Injifannoo Adwaa damee hundaan dabaluuf dandeettiin Itiyoophiyaa bu’uura cimaa qabaachuu qaba jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.