Dooktar Abiy Ahimad Kaafamtoota misoomaa Kaazaanchiis, Galaan Guuraa jiran waliin Ayyaana dabarsan

Finfinnee, Ebla 12, 2017( FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaafamtoota misoomaa Kaazaanchiis, Galaan Guuraa jiran waliin Ayyaana Sooma Hiikaa dabarsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalaa miidhamee ture haa jijjiirru kan jennee faayidaa waloofi, gammachuu ijoollee keenyaafi bara dhufu miidhagsuufi jedhan.

Biyya kadhaa keessaa baateefi jijjiiramte dhugoomsuun ala yaada biraa hin qabnu kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, naannawaa haaraan ammaa kan keessa jiraattanidha jechuun naannawaa Kanaan dura keessa jiraachaa turan deemanii akka daawwataniif affeeraniiru.

Bu’uuruma waadaa galameen Kaazaanchis daran miidhaguu eeruun, ijoolleen keenya abdii qabu, nurra jireenya fooyya’e jiraachuu danda’u jedhan.

Guddinni Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti ta’uu kaasanii, nutis ni argina ijoolleen keenyas ni dhaalu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment