Dooktar Abiy Ahimad kutaaleen hawaasaa hundi sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI  Dooktar Abiy Ahimad kutaaleen hawaasaa hundiifi hawaasni dippiloomaasii sagantaa Ashaaraa magariisaa borurraa eegalee gaggeeffamurratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baranaa yaada ijoo “Dhaabuudhaan Bayyanachuu” jedhuun gaggeeffama jedhan.

Hojiin Ashaaraa Magariisaa bu’aawwan hedduu kan argamsiise ta’uu kaasan.

Biqiltuuwwan barana dhaabamuuf jiran waliin gara biliyoona 47.5 geenya. Kun isa bara dhufu dhaabnu waliin yoo ida’ame  biliyoona 54 gahuu nudandeessisa jechuun ibsan.

Warri sagantaa kanatti amantan, kan hirmaattan, warri harki keessan dhoqqee tuqe, warri dhaabdan, Itiyoophiyaanonni kunuunsitan, dippiloomaatonni Itiyoophiyaatti argamtan, lammiileen biyya kamiyyuu kan abjuu kana deeggartan hundi baga gammaddani, baga gammanne jechuun barbaada.

Borirraa eegalee guyyaa guyyaadhaan sagantaa #Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’e irratti kutaaleen hawaasaa hundiifi hawaasni dippiloomaasii akka hirmaattanin waamichakoo dhiyeessa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment