Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Masoob Tajaajila Jiddugala Tokkoo eebbisiisan.
Gama kenniinsa tajaajilaan hojimaatilee lammiilee keenya mufachiisan sakatta’uun sirreessuun dhimma dursa kenninuufidha jedhan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Kanaaf Kutannoo qabaachuu keenyaaf agarsiistuu kan ta’e Masoob Tajaajila Jiddugala Tokkoo guyyaa har’aa eebbisiisneerra jedhaniiru.
Giddugala kana kan ibsan dhimmoonni ijoon sadii jiraachuu kaasanii, gamoo tureefi miidhame gara ammayyaafi sadarkaa miidhagina isaan naannawaa hojiif gammachiisaa gara ta’etti jijjiiramuun tokko ta’uu ibsan.
Tajaajiloota qindeessuuf sooftiweeriin biyya keessatti misoome hojiirra ooluun kanarra darbees dargaggoonni yaada haaraan tajaajila gahaafi kabajaan guute kennan qophaa’uun ibsituuwwan biroo ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen 12 baaxii tokko jalatti tajaajiloota garaagaraa kennuu eegaluu kan ibsan Dooktar Abiy, kunis lammiileen yeroo isaanii akka qusataniifi tajaajiloota karaa bu’a qabeessa ta’een akka argatan isaan gargaara jedhan.
Sirnoota akka kanaa misoomsuun tajaajiloota garaagaraarratti itti quufiinsa dhabuu lammiileef deebii kennuun adeemsa keessa itti quufiinsa hawaasa bal’aaf gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Eebbi guyyaa har’aa tarkaanfii guddaa tarkaanfachuu keenya agarsiisa kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan giddugala kanarratti dabalteefi babal’iftee lammii hundaaf kenniinsa tajaajilaa fooyya’aa ni mirkaneessiti jedhan.