Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itiyoophiyaafi Chaayinaan hariiroo cimaa qabaachuufi hariiroon kun gara tumsa tarsiima’aa haalotaan hin jijjiiramneetti guddachuu ibsaniiru.
Guyyaa har’aas Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yii simachuun hariiroo mootummootaafi uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa irratti mari’’chuu eeraniiru.
Tumsawwan misoomaa garaagaraa hojiirra oolchuuf ejjennoo cimaa qabnu itti fufsiisuu irrattis mari’anneerra jedhan ergaa isaaniin.
Tumsawwan diinagdee, daldalaa, bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii humnaa, geejjibaafi dameewwan haaraa uumamaa jiran kanneen akka E-Commerce, hubannoo namtolchee fi misooma anniisaa magariisaa irratti tumsa qaban cimsuuf mari’achuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.