Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Rippaabilika Siingaapoor waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Rippaabilika Siingaapoor Laawuransi Woongi waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, mariin keenya dameewwan murteessoo hariiroo egeree biyyoota lameenii cimsan irratti hojjechuuf tarkaanfii murteessaadha jedhan.

Waliigalteewwan misooma ogummaafi tumsa liqaa kaarboonii irratti taasifaman hojjettoota ciccimoofi gabaa boruuf qophii ta’an oomishuuf akkasumas eegumsa qabeenya qilleensaa irratti guddina waaraafi hanga kaarboonii gadi aanaa mirkaneessuuf ejjennoo waloo qabnu kan calaqqisiisudha jechuun ibsan.

Singaappoor waliin michummaafi tumsa qabnu itti fufuu keenyaaf kabajatu nutti dhagahamas jedhan.

Daldalaafi invastimantii, geejjibaafi loojistiksii ammayyaa, bu’uuraalee misoomaa dijiitaalaa, teeknooloojii daddabarsa maallaqaa, nageenya saayibariifi hubannoo namtolchee babal’isuun tumsa qabnu itti fayyadamuuf dandeettii bal’aa qabnas jedhan ergaa isaaniiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment