Finfinnee Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii simataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Yaa’ii Xaaliyaanii –Afrikaa wayita waloon keessummeessinutti Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan yeroon jedhu gammachuu olaanaanii jedhan.
Carraan kun walga’ii dippiloomaasii qofa osoo hin taane michummaa cimaa Xaaliyaanii fi Afrikaa gidduu jiruuf agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Michummaan kunis walkabajuu, itti gaafatamummaa waloo fi guddina waaraaf mul’ata waloo qabnuuf bu’uuraas jedhan.
Daawwannaan Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii dameelee daldalaa, invastimantii, inarjii, bu’uuraalee misoomaa, qonnaa fi dame kalaqaan tumsa jiruu caalmaatti cimsuuf murannoo waloo kan itti mirkaneessinuudha jechuun kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.