Dooktar Abiy Ahimad misooma qarqara lagaa Qacanee- Ambaasaaddar- Giyoon- Irreechaa- Baambiis eebbisiisan

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa misooma qarqara lagaa Qacanee- Ambaasaaddar- Giyoon- Irreechaa- Baambiis eebbisiisaniiru.
 
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hwaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa misooma qarqara lagaa Qacanee- Ambaasaaddar- Giyoon- Irreechaa- Baambiis eebisnee tajaajilaaf banneerra jedhan.
 
Misoomni kooriidarii ammayyaa kun bal’ina heektaara 351 fi dheerina kiiloomeetira 10 qabaachuu kaasaniiru.
 
Daandiiwwan imaltoota lafoo, daandiiwwan biskileetiifi bu’uuraalee misoomaa geejjibaa qindaa’aa kan hamate ta’uu eeranii, naannoo magaalaa jireenyaaf mijataa ta’e kan uumu ta’uu ibsaniiru.
 
Iddoowwan daa’imman itti taphatan, pilaazaawwanfi Anfii tiyaatiriiwwan, dirreewwan ispoortii bashannanaafi hariiroo hawaasummaaf carraalee haaraa akka uuman kaasaniiru.
 
Iddoowwan dhaabbii konkolaataafi giddugaloonni chaarjessa konkolaattota elektirikii saddet yeroo tokkotti konkolaattota 100 ol chaarjessuu dandeessisan dandeettii bu’uuraalee misoomaa ammayyaa kana caalmaatti cimsu jedhaniiru.
 
Bulchiinsa lagaa, eegumsa bishaaniifi biyyee, akkasumas iddoowwan magariisaa qarqara lagan eegumsa naannoo jijjiirama bifa magaalaa waliin wal simsaa jirra jedhan ergaa isaaniin.
 
Misoomni kooriidarii addaa kun carraalee diinagdee haaraa uumuu akka danda’es kaasaniiru.
 
Giddugalli gabaa qophaa’e jiraattota Kanaan dura naannoo qarqara lagaa jiraachaa turaniif oomishaalee ogummaa harkaa akka oomishaniif, agarsiisaafi gurgurtaaf akka itti fayyadamaniif kan gargaaru yoo ta’u, giddugalli gurgurtaa oomishaalee qonnaa ammoo oomishtoota qonnaa gabaa waliin walitti fidu jedhan.
 
Mul’anni keenya magaalaa dhaloota har’aafi egereef miidhagduu taate qofa osoo hin taane oomishtuufi hunda hammatteefi uummata ishee madaaltu ijaaruudhas jedhaniiru Dooktar Abiy Ahimad.
 
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment