Finfinnee, Mudde 12, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroonii fi Mootummaan Faransaay ijaarsa Marasaa Biyyaalessaa fi hojii haaromsa manneen amantaa Laallibalaaf gumaacha taasisaniif galanni koo guddaadha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Tumsa waloo damee garaagaraan qabnu irratti mari’achuun, hariiroo Invastimantii, barnootaa fi aadaa caalmaatti babal’isuuf waliin mari’anneera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Barbaachisummaa hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu ilaalchisee marii bal’aa taasiisuu himaniiru.