Finfinnee, Amajjii 3, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’el Oomaar Guuleehi waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, har’a ganama wayitan Jibuutii gahu Kabajamoo Pirezidaanti Ismaa’el Oomaar Guuleehi simannaa naaf taasisaniiru jedhan.
Pirezidaanticha waliin mari’achuu kaasanii, mariin isaanii dhimmoota ji’oopolatiksii, nageenyaafi tasgabbii naannawaa akkasumas tumsawwan gamlamee keessumaa dameewwan daldalaa, loojistiksiifi hojiilee misoomaan qaban haala cimsuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Kunis nageenyaafi tasgabbii, walitti hidhamiinsa diinagdeefi badhaadhina waloo irratti ejjennoo waloo cimaa qabnu agarsiisa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.