Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Raashaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin dhimmoota garaagaraarratti marii waliigalaa gaggeessineerra jedhan.
Mariin isaaniis madda humnaa, qonna, misooma eegumsa fayyaa fi tumsa Raayyaa Ittisaa kan hammatu ta’uu eeraniiru.
Keessumaa tajaajila hawaasaaf kan oolu humna qulqulluu dhiyeessuuf misooma humna niwukilaraa waloo irratti waliigaltee mallatteessuun dhimmoota fedhii waloo keenyaa guddisan irratti mari’anneerra jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.