Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii Somaaliyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Finfinnee dhufan Hasan Sheek Mohaammudiin simadheera jedhan.
Hariiroo gamlamee waggaa darbe irratti hojjechaa turre itti fufsiisuuf marii bu’aa qabeessa gaggeessineerra jechuun ibsaniiru.
Mariin keenya dhimmoota waloo dursa kenninuun hojjetaman akkasumas kutannoo hariiroo cimaa, tasgabbii naannawaafi misoomaaf qabnu irra deebiin kan cimsedha jedhan ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.