Dooktar Abiy Ahimad Pirojektii misooma Warqee Tulluu Kaappii Daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirojektii misooma Warqee Tulluu Kaappii Daawwataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Pirojektiin Misooma Warqee Tulluu Kaappii qabeenya uumamaa keenya akkamiin faayidaa ummataa fi biyyaalessaaf itti gaafatamummaan itti fayyadamuu akka dandeenyu kan argisiisu fakkeenya olaanaadha jedhan.

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Ganjiitti kan argamu pirojektichi walta’iinsa mootummaa fi dhuunfaan hojjetamaa kan jiru ta’uu kaasan.

Pirojektichi faayidaa diinagdee qabuun garasitti, misooma daandii, barnoota, dhaabbilee fayyaa fi manneen jireenyaa ammayyaa’oo ijaaruuf kaka’umsa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaa isaaniinis faayidaan pirojektichaa naannawaa tokko qofaatti kan daangeffame osoo hintaane kaka’umsa misooma hawaasa naannawichaaf gahee olaanaa qabu akka itti fufsiisu amantaa olaanaa qabaachuu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment