Dooktar Abiy Ahimad simannaa kabajaafi ho’aa Azarbaajaanitti taasifameefiif galateeffatan

Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa kabajaafi ho’aa Pirezidaantiin Azarbaajaan Ilihaam Aliiyeev taasisaniif galateeffataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, daawwannaa hojii jalqabaa Azarbaajaanitti taasiseen simannaa kabajaafi ho’aa Pirezidaanti Ilihaam Aliiyeev naaf taasisaniif nan galateeffadha jedhan.

Waggootan muraasa darban tumsa dameewwan Aviyeeshinii, Paarkiiwwan Indaastirii fi Naannawaa Daldala Bilisaa akkasumas ‎Invastimanti Hooldingisi Itiyoophiyaa fi Gita isaa Azarbaajaan gidduutti taasifame bu’uureffatee michummaan keenya yeroo yerootti guddachaa dhufeera jechuun ibsaniiru.

Dameewwan tumsaa kunneen hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii cimuuf bu’uura kan kaa’an ta’uu eeranii, marii guyyaa har’aa taasisaniin hariiroofi tumsa biyyoota lameenii cimsuufi gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliigaluu kaasaniiru.

‎Sagantaa waliigaltee mallatteessuu damee Raayyaa Ittisaafi dameewwan biroorratti taasifame irrattis argamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment