Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’e tajaajila Poolisii nama maleessaa (Ismaarti Poolisii ) hojii eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Har’a Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e tajaajila Poolisii nama maleessaa (Ismaarti poolisii) hojii eegalchifneerra jedhan.
Tajaajilli kun tajaajila poolisii saffisaa, fooyya’aa fi teeknooloojiin deegggarame kennuuf dandeessisa jedhan.
Dabalataniis poolisiin tarkaanffii ariifachiisaa akka fudhatuufi hojii yakka ittisuu isaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilli kun eegaluun karoora Diijitaal Itiyoophiyaa 2030tti qaama seeraa kabachiisaa gahoomee fi dorgomaa ta’e uumuufi hojii riifoormii eegalame kan guddisu ta’uus Dooktar Abiy Ahimad eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.