Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Miseensota Garee 20 cinaatti sagantaa ‘Compact with Africa (CwA)’ irratti hirmaatan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Miseensota Garee 20 cinaatti sagantaa ‘Compact with Africa (CwA)’ irratti hirmaataniiru.

Sagantichi sadarkaa hojiin isaa irra gahe gamaaggamuun karoora isaa fuuladuraa akeekuurratti kan xiyyeeffate ture.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, hojiilee diinagdee gooroo tasgabbeessuuf hojjetaman; kanneen akka hammattoowwan to’annoo cimsuu, gabaawwan kaappitaalaa jajjabeessuufi kanneen biroo eeruun, invastimantii dhuunfaa waggoota dheeraa hawwachuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa guddisuu ibsaniiru.

Sagantichaan badhaadhina waloo Afrikaa akkasumas addunyaa mirkaneessuuf mul’anni guddaan qabamuu akka qabu waamichi dhiyaachuun xumurameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment