Dooktar Abiy Ahimadiifi Pireezidaanti Maakroon Masaraa Eliseetti simannaa taasisan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2017 (FMC )- Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadi fi jila isaaniif Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Masaraa Eliseetti simannaa taasisaniiru.
Marii gamlamee Pireezidaanti Imaanu’eeli fi Dooktar Abiy Ahimad baatii Muddee 2017 Itiyoophiyaatti taasisan raawwii isaa waloon gamaaggamaniiru.
Biyyoonni lameen waggoottan dheeraaf dameelee Raayyaa, Nageenyaa, Eegumsa Aadaa, Barnootaa fi kanneen biroon tumsaa fi walitti hidhamiinsa cimaa kan uuman ta’uu ibsameera.
Marii Paarisitti tureen damee diinagdeen tumsa qaban caalmaatti guddisuuf carraawwan jiran kan sakkata’ee jedhameera.
Faransaay adeemsa idaa irra deebiin ilaaluun deeggartuu cimtuu Itiyoophiyaa ta’uun ni beekama.
Bara 2010 irraa eegalee Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo gamlamee qaban cimsuurratti cichoomanii kan hojjetan yoo ta’uu kunis daawwannaa dureewwaanii, waliigalteewwan tarsimaawaa fi hojiilee damee garaagaraan eegalaman cimsanii itti fufsisuurratti hojjechaa turuun eerameera.
Hoggantonni kunneen erga gara hoggansaatti dhufanii gara biyyoota lameenitti daawwannaa hojii gaggeessaniiru.
Baatii Onkoloolessa bara 2011 Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Faransaayitti imaluun waliigaltee Raayyaa fi Aadaa cimsanii itti fufsisanirratti marii taasisanii turan.
Bitootessa bara 2011 Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisuun Dooktar Abiy wajjiin waliigaltee tumsaa hedduu mallatteesaniiru.
Walligalticha keessaa waliigalteewwan haaroomsa Manneen Amantaa Laalibalaa fi Masaraa Biyyaalessaaf daandii banan mallatteeffamaniiru.
Yeroo turtii isaanittis Pireezidaantii Imaanu’eel jalqabamuu hojii haaroomsaa dura Laalibalaa daawwataniiru.
Baatii Guraandhala 2015 Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yeroo 2ffaaf Faransaay kan daawwatan yoo ta’uu, walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantirratti xiyyeeffachuun mariiwwan adda addaa gaggeessaniiru.
Fedhii Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa mirkanaa’aa argachuuf qabduufi barbaachisummaa nageenya naannawicharratti mari’atanii turan.
Muddee bara 2017tti Pireezidaanti Imaanu’eel irra deebiin Itiyoophiyaa dhufuun Riifoormii Diinagdee Itiyoophiyaa fi idaa irra deebiin ilaaluurratti deeggarsa biyyaattiin qabdu ibsaniiru.
Wagggoottan torban darban hariiroon Itiyoophiyaa fi Faransaay gara sadarkaa olaanatti ce’eera.
Kunis Hirmaannaa olaanaa Hoggantoota lameeniin kan mirkaana’e ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment