Finfinnee Waxabajjii 11,2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Bakka Bu’oota Paartiilee Siyaasaa waliin mari’ataniiru.
Dirree Siyaasaa bal’isuuf murtoon bara 2010 murteessine murtoo ijoodha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Yeroo sanaa eegalee paartilee siyaasaa karaa seeraan keessummeessuun haala sirna Diimookiraasii kabajeen hojjenneera.
Yaadamni kun aadaa ce’umsa karaa nagaa Itiyoophiyaaf abdii fi barbaachisaa ta’uu itti amanameeti jedhan.
Kana bu’uura godhachuun waggoottaan darban Paartiilee Siyaasaa Boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an waliin waltajjiiwwan marii itti fufiinsaa gaggeessaa jirra.
Akkuma tibbana qaamolee garaagaraa waliin mari’ataa turree har’as bakka buutoota Paartilee siyaasaa garaagaraa waliin mari’anneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Kunis naannawaa irraa dhufanirraa yaada jira dhaggeeffachuun galtee fudhachuuf kan kaayyeeffate ture.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.