Dooktar Abiy Barreessituu Itti Aantuu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Barreessituu Itti Aantuu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan guyyoottan sadan itti aananiif Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii qopheessuu isheetti gammachuutu itti dhagahama jedhan.
Barreessituu itti aantuu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad waliin guutuu Afrikaa fi biyyoota addunyaa birootti barbaachiisummaa Sirna nyaataa hirmaachisaa fi qormaatilee garaagaraa dandamachuu danda’u ijaaruu fi dhimmoota biroorratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan imammata qindaa’aan ,Jijjirama qabeeyaa qilleensaaf deebii kan kennu hojiilee qonnaa, wabii nyaataa fi hundaaf nyaata madaallawaa dhiyeessuuf tooftaalee namarratti xiyyeeffataniin sirna nyaataa fooyyyeessuuf ejjennoo qabdu gochaan itti fufuus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment