Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Mootii Faayisal Biin Farihaan Al Saa’udii waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a Ministira Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa Mootii Faayisal Biin Farihaan Al Saa’ud waliin dhimmoota gamlamee hundagaleesssarratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan.
Marii isaaniin dameelee ijoon walitti hidhamiinsi biyyoota lameenii waggoottan dheeraaf ture caalmaatti bal’isuuf dhimmoota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas fedhii waloo biyyoota lameenii kan ta’an dhimmoota naannawaa fi idil addunyaarratti tumsa jiru cimsuuf mari’achuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy himaniiru.
#Oromia #Ethiopia