Dooktar Abiy Ministira Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meeloonii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Jiyoorjiyaa Meeloonii waliin Room Paalaazoo Chiigiitti mari’atan.

Mariin isaanii hariiroo biyyoota lameenii cimsuun carraalee invastimantii fi tumsa diinagdee haaraa uumuurratti xiyyeeffachuu Dooktar Abiy Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Tumsa biyyoota lameen michummaa baroota dheeraa irratti hundaa’e dameewwan garaagaraan daran cimsuuf murannoo waloo cimaa irra deebiin mirkaneessineerra jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment