Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Emireetoota Araba Gamtoomanii Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, michummaafi wal amantaa irratti hundaa’een, daawwannaa hojii Emireetoota Araba Gamtoomanitti taasiseen pireezidaanti Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan waliin mari’aneerra jedhan.
Mariin isaanii Hariiroo waggoota dheeraa Itiyoophiyaa fi Emireetoota Araba Gamtoomanii gidduu ture guddisuu, tumsaa fi tasgabbii naannawichaa cimsuurratti kan xiyyyeeffate ta’uu eeran.
Simannaa naaf taasifameefi michummaa dhugaa biyyoota lamaan giddu jiruuf murannoon tumsaan waliin hojjechuu marii keenya irratti tureef galatni koo guddaadhas jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.